Tulimaan muuziqaa ni jaallatti. Guyyaa guyyaan dhaggeeffatti.
トゥリマは音楽が大好き。 毎日音楽を聴いています。
Hiriyyoonni ishee Kaarloosii fi Aniitaanis muuziqaa ni jaallatu.
友人のカルロスとアニタも音楽が好きです。
“Tulimaa, muuziqaa akkamii jaallatta?” jedhee gaafate Kaarloos.
カルロスが、「トゥリマはどんな音楽が好き?」と尋ねます。
“Muuziqaa warra dhihaa nan jaalladha, garuu muuziqaa biyya koo Itoophiyaa irran filadha.”
「私は洋楽が好きだけど、私の国、エチオピアの音楽の方が好きよ」
“Ani Kolumbiyaa irraan dhufe. Saalsaa qofa dhaggeeffadha. Shubbisaaf baayyee gaariidha,” jedhe Kaarloos.
「僕はコロンビアから来たんだ。 サルサばかり聴いてるよ。サルサはダンスにぴったりなんだ」
カルロスはこう言いました。
Aniitaan, “Sirboota jaalalaa fi muuziqaa na gammachiisu nan jaalladha” jetti.
アニタは、「私はロマンチックな歌と、幸せな気分にしてくれる曲が好き」と答えます。
Muuziqaa akkamii jaallattu?
あなたはどんな音楽が好きですか?