Toom dhukkubbii ilkaanii qaba. Ilkaan isaa baayyee miidhameera.
Tom har tandvärk. Hans tand gör väldigt ont.
Ogeessa ilkaan isaa arguu qaba, garuu jalqaba dhukkubbii sanaaf waan tokko isa barbaachisa.
Han behöver träffa sin tandläkare, men först behöver han någonting mot smärtan.
Konkolaataa isaatiin gara mana qorichaa isa dhiyoo jirutti deeme.
Han kör till det närmsta apoteket.
“Ilkaan na dhukkube” jedhe. “Sanaaf waa qabduu?”
“Jag har tandvärk” säger han. “Har du något för det?”
“Eeyyee, qorichoonni dhukkubbii namarraa balleessan tokko tokko kunooti. Kanneeniif ajaja yaalaa si hin barbaachisu.”
“Ja, här är några smärtstillande. Du behöver inte recept för dessa.”
“Galatoomi. Meeqa gatiin isaanii?”
“Tack. Hur mycket kostar de?”
“Yuuroo sagal gatiin isaanii. Garuu ogeessa ilkaanii arguu qabda.”
“De kostar nio euro. Men du borde träffa en tandläkare.”
“Tole boru ganama ogeessa ilkaan kootti nan bilbila.”
“Okej, jag ska ringa min tandlärare i morgon bitti.”
“Qoricha cimaa yoo barbaadde, ogeessa ilkaan ykn hakiima kee irraa ajaja yaalaa argachuu si barbaachisa.”
“Om du behöver starkare medicin så behöver du få ett recept från din läkare.”