“Eeyyee, aniifi abbaan manaakoo ijoollee durbaa lamaa fi ilma tokko qabna.”
「はい、私と夫には娘がふたり、息子がひとりいます」
“Anis ijoollee durbaa lama qaba, garuu wal hiikneerra.”
「私にもふたりの娘がいますが、夫とは別れました」
“Ijoolleen durbaa keessan umriin isaanii meeqa?”
「娘さんたちは、おいくつですか?」
“Miinaan umriin ishee waggaa afuri. Mana barumsaa oolmaa daa’imanii deemti. Miiriyaam waggaa kudhan waan taateef mana barumsaa deemti.”
「ミナは4歳です。ようちえんに通っています。ミリアムは10歳で、学校に通っています」
“Ijoolleen koo hundi mana barumsaa jiru. Ilmi koo bara dhufu ni eebbifama.”
「私の子どもたちはみんな学校に通っています。息子は来年、卒業します」
“Sun waan guddaadha! Akka malee saffisaan guddatu. Booda maal gochuu barbaada?”
「おめでとうございます!子どもたちの成長はとても早いですね。息子さんは卒業したあとに、何をしたいのですか?」
“Inni hojii argachuu barbaada, garuu kanaa mannaa gara yunivarsiitii deemuu qabda jedheen.”
「息子は働こうと考えていますが、私は息子に、大学に進学したほうがいいと伝えています」
“Yaada gaariidha. Ijoolleen koos gaaf tokko gara yunivarsiitii akka deeman abdiin qaba.”
「いい考えですね。私も子どもたちには、いつか大学で学んでほしいと思っています」