Maayiin fiilmii ilaaluuf barbaaddi. Hiriyyaa ishee gaarii Liisaa waliin gara sinimaa deemuu barbaaddi.
Mai cerca un film da vedere. Vuole andare al cinema con la sua migliore amica, Lisa.
Maayiin iskuutara ishee fudhattee gara sinimaa deemti. Achitti wal arguuf walii galaniiru.
Mai prende lo scooter per andare al cinema. Hanno deciso di incontrarsi lì.
Sinimaa irratti nagaa gaafatu. Fiilmii kana arguuf gammachuu guddaatu itti dhagahame.
Al cinema si salutano. Non vedono l’ora di vedere il film.
Maayiin iddoo tikkeettii bitan irraa lamaan isaaniif tikkeettii bitte.
Mai compra i biglietti per tutte e due al botteghino.
Akkasumas baaldii guddaa fandhishaa bitatte.
Compra anche un bel po’ di popcorn.
Liisaan fandishaa fudhattee Maayiin ammoo soodaa qaruuraa lama bitte.
Lisa prende il popcorn mentre Mai compra due bottiglie di soda.
Fiilmii kana ilaaluuf osoo hin seenin dura tikkeettii isaanii agarsiisan.
Mostrano i biglietti prima di entrare nella sala a vedere il film.
Teessoo isaanii barbaadu. Fiilmiin sun dursee waan jalqabeef dukkanaa’eera.
Cercano i loro posti al buio perché il film è già iniziato.
Fiilmii kana ilaaluuf taa’an.
Si siedono a guardare il film.
Fiilmii jaalalaati. Sun gosa isaan jaallatanidha.
È un film romantico. È il loro genere preferito.
Fiilmii booda nagaa walitti dhaamanii gara manaatti deebi’u.
Dopo il film si salutano e tornano a casa.