Kaarloos iskuutara yaabbatee deema. Saffisaan oofa.
Carlos guida uno scooter. Lui va veloce.
Karaa irra bishaantu jira. Daandiin mucucaataadha.
L’asfalto è bagnato. La strada è scivolosa.
Iskuutara to’achuu dadhabeekufe.
Lui perde il controllo dello scooter e cade a terra.
Kaarloos akka malee miidhameera.
Carlos è ferito gravemente.
Dubartiin tokko ambulaansii waamti. “Balaan mudateera. Dafii koottu!”
Una donna chiama l’ambulanza. “C’è stato un incidente. Fate presto!”
Ambulaansiin baayyee dafee dhufe.
L’ambulanza arriva velocemente.
Namoonni lamaa Kaarloosiin siree irra kaaʼan.
Due uomini mettono Carlos su una barella.
Kaarloos gara ambulaansii keessa ol harkisu.
Lo sistemano nell’ambulanza.
Ambulaansiin gara hospitaalaatti deema.
L’ambulanza va all’ospedale.
Narsiin tokko Kaarloosiin hospitaala geessite.
Un’infermiera porta Carlos nell’ospedale.
Miilli Kaarloosii baayyee miidhame, innis yaaddoo keessa jira.
Carlos ha un forte dolore ad una gamba ed è preoccupato.
Doktoroonni lama miila isaa baqaqsanii hodhu.
Due dottori gli operano la gamba.
Warri isaas isa daawwatu. Balaan kun akkamitti akka mudate isa gaafatu.
I suoi genitori gli fanno visita. Gli chiedono come è successo l’incidente.
Konkolaataan gara manaatti isa geessan. Kaarloos ulee fayyadamaa jira.
Lo portano a casa. Carlos cammina con le stampelle.