物語のリストに戻る
Salaamaawit umrii 29 dha. Eertiraa keessatti mucaa ishee jalqabaa deesse. Ishee fi maatiinshee achitti rakkina waan qabaniif gara Xaaliyaanii deemuuf murteessan.
セラマウィットは29歳。彼女はエリトリアで1人目の子を出産しました。エリトリアでの生活は苦しく、一家はイタリアへ移ることにしました。
Ingaan waggaa 19 osoo hin guutin manaa baate. Gara Noorweey deemtee mucaa ishee jalqabaa achitti deesse.
インガは19歳になる直前に家を出ました。彼女はノルウェーに引っ越し、その後1人目の子供を授かりました。
Salaamaawit yeroo mucaa ishee lammaffaa ulfooftu biyya biraatti mucaa godhachuun maal fakkaata jettee yaadde.
2人目の子を妊娠したセラマウィットは、「母国以外での出産ってどんな感じなんだろう」と考えました。
Salaamaawit fi Ingaan haala adda addaa irraa kan dhufaniidha. Salaamaawit da’umsa irratti muuxannoo waan qabduuf nageenyi itti dhaga’ame. Ingaan waa’ee da’umsaa haadha ishee waliin haasofte.
彼女たち2人の人生経験には違いがあります。セラマウィットは出産の経験があるので安心できました。インガは出産について母親に相談しました。
Dubartoonni lamaanuu, biyyoota Awurooppaa irra caalaa isaanii keessatti, dubartoonni ulfaa kunuunsa dahumsa duraa argachuuf mirga akka qaban dhaga’anii turan. Kana jechuun yeroo ulfaa gargaarsa ni argatu jechuudha. Salaamaawit akkuma ulfa ta’uu ishee hubatteen hakiima ishee waliin beellama qabatte. Abbaan warraa Salaamaawit konkolaataan gara doktoraatti ishee geesseera.
2人とも、ヨーロッパのほとんどの国において、妊婦には産前ケアを受ける権利があることを聞いていました。つまり、妊娠中のサポートを受けることができるのです。セラマウィットは妊娠に気づくとすぐに病院を予約し、夫の運転で病院に行きました。
Doktorri kun qorannoo tokko tokko godhee Salaamaawit gosa dhukkuba sukkaaraa dubartoonni ulfaa tokko tokko qaban akka qabdu hubate. Nyaata fayya qabeessa nyaachuu fi sochii qaamaa gochuu qabdi turte. Salaamaawit daftee gara hakiimaa deemuu isheetti gammadde, osoo isheen fi daa’imni ishee hin dhukkubsatin dura.
医師による検査の結果、セラマウィットは妊娠糖尿病と診断されました。そのため、彼女には健康的な食事と運動が必要でした。セラマウィットは、自分と赤ちゃんが病気になる前に、早めに医師の診察を受けてよかったと思いました。
Ollaan Ingaa daa’ima godhachuuf akka yaaltu yommuu dhaga’u, ollaan sun akkuma ulfoofteen doktora bira akka deemtu itti hime. Akkasitti ishiifi mucaan ishii fayyaa akka qaban mirkaneeffachuu dandeesseetti. Doktorri kun fooliik asiidii vitaaminii dubartoota ulfaaf barbaachisaa ta’e akka fudhattu itti hime.
インガが赤ちゃんをほしがっていると聞いた近所の人は、彼女と赤ちゃんの健康のため、妊娠したらすぐに医師の診察を受けるように言いました。医師は、妊婦にとって重要なビタミンである葉酸を摂取するようインガに言いました。
Ingaa fi hakiimni ishee yeroo ulfa ishee yeroo hunda akka qoratamtu deessiftuu tokkoon akka wal argitu walii galan. Deessiftuun nyaataa fi boqonnaa ilaalchisee gorsa isheef kennite, akkasumas akkaataa ofii ishee fi daa’ima ishee nagaa fi fayyaa itti eeguu dandeessu irratti odeeffannoo kenniteef.
インガと医師は、妊娠中に助産師による定期検診を受けることに同意しました。助産師は、食事や休息に関するアドバイスや、自分と赤ちゃんの安全と健康を保つ方法についての情報をくれました。
Dubartoonni lamaan daa’imman fayyaa qaban da’an. Salaamaawit ilma biraa kan qabdu yoo ta’u, Ingaan ammoo intala tokko qabdi. Abbootiin manaa isaanii baayʼee kan boonan siʼa taʼu, waaʼee haadha manaa isaanii ciccimoo fi ijoollee fayyaa qaban nama beekan hundatti himan.
2人とも元気な赤ちゃんを出産しました。セラマウィットには2人目の男の子が、インガには女の子が授かりました。彼女たちの夫は誇らしげに、強く健康な妻と元気な子供たちのことを知人に話しました。
作者: LIDA Italia
絵: Sara Dorthea Johannesen
翻訳: Muhammed Berisso
朗読: Rahel Abate