Maalik jedhama umuriin koo waggaa 39 dha. Afgaanistaan keessatti dhaladhe. Amantiin koo amantii guddaa Afgaanistaan keessa jiru irraa adda.
私の名前はマリクと言います。39歳です。アフガニスタンで生まれました。私が信じている宗教は、アフガニスタンの多くの人が信じている宗教とはちがいます。
Waggoota dheeraaf namoonni amantii koo taʼan ariʼamaa turan. Kun maatii kootiif baayʼee itti ulfaateera.
私と同じ宗教を信じている人たちは、長い間、ひどく苦しめられています。これは、私たち家族にとって、とてもつらいことです。
Waggoota muraasa dura waraanni ni ture. Ani ni ajjeefama jedhee sodaadheen ture. Maatii koo dhiisee Awurooppaa dhaqee jireenya haaraa jalqabuuf ture.
数年前、戦争が起こりました。殺されてしまうのではないかと、怖くなりました。私は家族をアフガニスタンに残し、新しい生活を始めるためにヨーロッパへと向かいました。
Kiilomeetira hedduu miilaan deeme. Yeroo tokko tokko nyaata hin qabu ture, bakkan buluus hin qabu ture. Namoonni ani waliin imalaa ture tokko tokko du’aniiru.
とてもたくさん歩きました。食べ物も、泊まるところもないことが、ときどきありました。いっしょに旅をしていた仲間の中には、死んでしまった人もいます。
Dhumarratti nan gahe. Namoota biyya koo irraa dhufan tokko tokkoon wal barre, isaanis na gargaaran. Osoo isaan hin jiraatiniitii maal akkan godhu hin beeku.
やっとのことで、ヨーロッパにつきました。アフガニスタンから来た人たちと会い、助けてもらいました。彼らがいなければ、私はどうなっていたことでしょう。
Afaanicha barachuu jalqabe, garuu ulfaataa ture. Hojii argachuuf afaanicha dubbachuun barbaachisaa akka taʼe nan beeka ture.
言葉を学び始めましたが、むずかしかったです。仕事をするためには、言葉を話せることが必要だとわかっていました。
Waggoota hedduudhaaf baradhe, jalqaba irratti afaanicha barachuuf. Ulfaataa ture, garuu wantoota haaraa barachuun na gammachiisa.
数年間、勉強しました。初めに言葉を学びました。大変でしたが、新しいことを学ぶのは楽しいです。
Erga baradhee booda hojii eegale. Jalqaba mana nyaataa tokko keessatti hojjadhe, achiis namoota gargaaruu waanan barbaaduuf barsiisaa taʼe.
それから、働き始めました。最初はレストランで働き、そのあとに、他の人の役に立ちたくて教師になりました。
Gaaf tokko gara Afgaanistaanitti akkan deebi’u abdiin qaba. Namoonni achi jiran hedduun gargaarsa kan barbaadan siʼa taʼu, isaan gargaaruun barbaada.
私はいつか、アフガニスタンに帰りたいと思っています。アフガニスタンでは、多くの人が助けを必要としているので、私はその人たちの力になりたいのです。