Ladda ner PDF
Tillbaka till listan med berättelser

Sagalee simbirrootaa ganama keessa

Skriven av LIDA Portugal

Illustrerad av Vilius Aistis Vilimas

Översatt av Muhammed Berisso

Uppläst av Rahel Abate

Språk oromo

Nivå Nivå 5

Läs hela berättelsen

Reading speed

Automatisk avspälning


Yuuliyaa, abbaan manaasheefi intalli isaanii xinnoon Yukireen keessa ganda xinnoo tasgabbaaʼaa taʼe tokko keessa jiraatu turan. Yuuliyaan ganama ganama sagalee simbirrootaatiin dammaqfamuu baayʼee jaallatti turte. Mana irraa fagaattee akka jiraattu, ykn ganama sagalee simbirrootaatiin hin dammaqfamu jettee yaaddee hin beektu.


Abbaan manaa ishee yeroo hunda qarshii gahaa dhabuu isaatiin komachaa waan tureef dhugaatii baay’ee dhuguu jalqabe. Carraa isaanii Poorchugaalitti yaaluuf murteessan. Tarii achitti maallaqa dabalataa argachuun mana ijaaruu fi maatii isaaniif egeree gaarii ta’e uumuu danda’u ta’a.


Yuuliyaan mana ishee haaraa wajjiin haala gaariin kan madaqxe siʼa taʼu, qulqulleessituu taatee hojjechuu jalqabde. Maamiltoonni ishee hojii cimaa hojjettee fi ilaalcha safuu isheen qabdu baayʼee dinqisiifataniiru. Abbaan manaa ishii garuu caalaatti akka boodatti hafe itti dhagaʼame. Rakkoo dhugaatii dhuguu isaatiin kan kaʼe hojjechiistonni isa hin amanan, hojiis hin kennaniif turan.


Guyyaa tokko Yuuliyaatti iyyuu jalqabe. Sana booda, ishee dhiibuu jalqabe. Keessumaa yeroo inni machaa’u wacaafi reebichi itti hammaate. Yuuliyaan ofiisheefi intalasheetiif sodaatte, garuu maal gochuu akka dandeessu yaada hin qabdu turte.


Yuuliyaan dhuma irratti harki ishee cabee gara kutaa balaa tasaa hospitaalichaa deemte, Poorchugaal keessatti jeequmsi maatii rakkoo guddaa akka ta’e itti himan. Akkasumas yakka waan ta’eef poolisiitti gabaasuu qabda jedhan.


Yuuliyaan waan dadhabdeef, intallishee xinnoo mana guyyaa guyyaadhaan jeequmsi itti raawwatamu keessatti akka guddattu hin barbaaddu turte. Yuuliyaan mallattoon miidhaa bifa adda addaa hedduu qabaatus yeroo hundumaa akka ture hubatte.


Yuuliyaan gara mana qubannaa dubartootaa deemtee, achitti yeroo dheeraa booda nageenyi ishee itti dhagaʼame. Ganama sagalee simbirrootaatiin erga dammaqaa turtee as akkasitti hin dhagahamne ture.


Skriven av: LIDA Portugal
Illustrerad av: Vilius Aistis Vilimas
Översatt av: Muhammed Berisso
Uppläst av: Rahel Abate
Språk: oromo
Nivå: Nivå 5
Creative Commons Licens
Detta verk är licensierat under en Creative Commons Erkännande 4.0 Internationell Licens.
Valmöjligheter
Tillbaka till listan med berättelser Ladda ner PDF