Ladda ner PDF
Tillbaka till listan med berättelser

Hojii argachuu

Skriven av Espen Stranger-Johannessen

Illustrerad av Sunniva Høiby-Øiset

Översatt av Muhammed Berisso

Uppläst av Rahel Abate

Språk oromo

Nivå Nivå 4

Läs hela berättelsen

Reading speed

Automatisk avspälning


Alishaan maatiin ishee nyaataafi uffataaf qarshii waan barbaadaniif hojii argachuu qabdi.


Alishaan biyya ishee keessatti hin hojjenne, garuu nyaata bilcheessuuf dandeettii qabdi, namoota waliin haasa’uus ni jaallatti.


Tarii mana nyaataa keessatti hojjechuu dandeessi ta’aa? Alishaan maxxansa hojii toora interneetii irratti barbaaddi.


Beeksisa sheefii tokko argite. Sunis nama mana nyaataa keessatti nyaata bilcheessuudha.


Gaaffii fi deebii hojiitiif deemte. Hogganaan mana nyaataa nama Sheefii ta’uuf leenji’e akka isaan barbaachisu itti hima.


Alishaan ni mufatte, garuu koorsii “Nyaataa fi keessummeessituu” jedhu fudhatti. Kunis mana nyaataa keessatti hojii akka argattu akka ishee gargaaru abdii qabdi.


Alishaan akka qaama leenjii ishee ta’utti mana nyaataa keessatti hojjechuu qabdi. Mindaa hin argattu, garuu muuxannoo hojii ni argatti.


Bal’ina koorsii kanaa “CV” ishee irratti dabalti. “CV” jechuun hojii isheen hojjettee fi koorsii fudhatte hunda kan ibsuudha.


Yeroo itti aanutti Alishaan mana nyaataa tokkotti gaaffii fi deebii hojiif deemte, hojiin sun ni kennameef. Hojii cimaadha. Yeroo baayʼee galgala, yeroo ijoolleenshee mana barumsaatii deebiʼanitti hojjechuu qabdi.


Maallaqa mataa isheetiin nyaata fi uffata maatii isheef bitachuu akka dandeessuuf hojii argachuu isheetiin boonteetti.


Skriven av: Espen Stranger-Johannessen
Illustrerad av: Sunniva Høiby-Øiset
Översatt av: Muhammed Berisso
Uppläst av: Rahel Abate
Språk: oromo
Nivå: Nivå 4
Creative Commons Licens
Detta verk är licensierat under en Creative Commons Erkännande 4.0 Internationell Licens.
Valmöjligheter
Tillbaka till listan med berättelser Ladda ner PDF